Afaan Oromo As Second Language. Ibsaa Guutama
Чтение книги онлайн.

Читать онлайн книгу Afaan Oromo As Second Language - Ibsaa Guutama страница

Название: Afaan Oromo As Second Language

Автор: Ibsaa Guutama

Издательство: Ingram

Жанр: Учебная литература

Серия:

isbn: 9781456617943

isbn:

СКАЧАТЬ

      

      Afaan Oromo As Second Language

      by

      Ibsaa Guutama

      Copyright 2013 Ibsaa Guutama,

      All rights reserved.

      Prepared by Gubirmans Publishing

      Barlabsii Gubirmans

      GUBIRMANS PUBLISHING

      Maryland

      Published in eBook format by eBookIt.com

       http://www.eBookIt.com

      ISBN-13: 978-1-4566-1794-3

      No part of this book may be reproduced in any form or by any electronic or mechanical means including information storage and retrieval systems, without permission in writing from the author. The only exception is by a reviewer, who may quote short excerpts in a review.

      BARLABSII GUBIRMANS

      GUBIRMANS PUBLISHING

      8401 Manchester Rd. # 109

      Silver Spring MD 20901

      Mirga akkaasaa

      Copy Right © Ibsaa Guutamaa 2010

      Maxxansa tokkoffaa

      First Printing 2010

      Library of Congress Cataloging-in Publication

      Guutama, Ibsaa

      Barnoota Gubirmans/ Gubirmans Lesson

      Afaan Oromo as Second Language 2010

      Afaan Oromo akka Afaan Lammaffaatt 2010

      Includes Oromo alphabet, reading and writing aids with texts and pictures. It also has grammar notes and others.

      ISBN 978-0-9728013-6-2

      Library of Congress Control number: 2010908186

      Finnoota Amerikaa Tokkomanitt maxxanfame

      Printed in United States of America

      Aguuggii (Cover): Ibsaa Guutamaa

      Contanct Address

      daawwii @msn.com

      Barnoota Gubirmans

      If it could be a reminder to: (Yoo ni yaadachiisa ta”ef)

      Daawwii

      Liiban

      Manoyee

      Milkoo

      Tooftaa

      Qajeelaa

      and their peers/ fi hiriyootaa

      saaniif

      Afaan Oromoo Barachuu

      Afaan gabaa addunyaa keessati dorgommee ittiin hin seenamne kana maaf baruun barbaachise jedhama tahaa? Oromoon orma Afrikaa duriiti. Garba Meditaraniyaani hanga daarii Baantuu kan himatan keessaa tokko. Hiddi afaan saanii murna afaanii Kuusaa ykn Kush jedhamu keessaa ka’a. Ormi afaan Kuusaa dubbatu Abbayya ol haanuu dura bu’aa, argaa dhageettiin Grikii durii, qarooma Itiyoophiyaa jedhaniiti. Masir duriif yeroo isaan mootota (fara’oon) itti tahanis ture. Sun finnaa amma maqaa sanaan waamamuun adda. Afaanota/cabaqa jara durii keessaa hedduu badee, hedduutu laaffataa jira. Utuu ormichi jiruu afaan saa yoo bade afaan aanga’o fi dureeyyiin bakka buufame jechuu dha.

      Afaan badnaan suukanniin afan sana malee hin ifsamne jiru. Sabummaa fi eenyumaa sabaawaanis waliin badu. Akkasit nammi tokkoo fafatee jeeqama eenyummaa dhuma hin qabnee fi sadarkaa namaa gadiiti bu’ee jiraachuu dirqama. Osoo afaanni hin badin barruun kaa’uun duri akkas turre jechuufillee ni gargaara taha. Caalaati immoo gaaf tokkoo dhaalmaa bade barbaadanii lubbuu jeequmsa keessaa baasuuf qoricha tahuu dandaha. Kanaaf maalifaa seenaawwaa fi hamilati abdachiisaan afaanicha baruu dirqu jira jechuu dha. Qaroommi Kuusaa qarooma ormi gurraacha hundii keenya jedhuu. Kanneen badaniin walitt fufoon afaan Oromoo keessaa ni argamu.

      Afaan Oromoo yeroo hin beekamneef afaan afoolaa ture. Baldhaa waan taheef dameen beekumsaa walfakii keessaa hin arganne hin jiru. Barreessuu dhiisanii yoom akka qaabannoon galmeeffachuutti kahan hin beekamu. Akka afoola Oromooti loontu sanaaf komatama. Waan barruun jiru hunda nyaattee. Ergasii qaabannoo saanii irratt moora see dubbisuun beekumsa qoolloo keessaa fi dachee irraa akkasumas gidduu saanii jiru dhalootaa dhalootatt dabarsaa jiraatan. Kanaaf barreessaan kun “kitaabaa/macaafaa”n moor jedha; ammammoo bakka mooraa waan bu’eef.

      Guddinni teknolojii ammayya akka iyyaatiin baayyinaan yaafamu waan tolcheef qaabannoo qofti gaha hin taane. Sun afoola lammii seenawaa sanaa mancaasuuf doorsisaa jira. Mirgi daa’immaan afaan ofiin barachuu aarsaa guddaa duuba beekame. Amma hamma saatii Oromiyaa keessati barumsi fi hoojii waajjiraawaan afaan ormichaan gaggeeffamaa jira. Beeksisi seeraa fi daldalaas ittiin ni kennama.

      Kanaaf tolaafis hamaafis kan Oromiyaa keessatt hojjetan yk hojjechuuf abbalanis yoo baratan anjaa qabaaf. Ergammi saanii kan fedhe haatahu ormichatt makamanii quunnamtii tolfatan keessa yaada haaraan walitt dhufuu ni gargaara taha. Addunyaan aadaa wal jijjiiruun guddate. Kanatt dabalee barattooti hawaasicha keessatt qorannoo gaggeessan qooqa karaa isaan dabarsu baruun ni gargaara. Kanneen jaalalleewan saanii Oromoo tahanis barachuun bu’aa guddaa qaba.

      Afaanicha barachuu kan qaban biraa jara seenaan afaan waldhaalchise. Jeeqama eenyummaa irra gaherraa oolanii boona bade deeffachuuf gara hundee saaniitt kanneen deebi’uu jara qabani. Jarri akkasi guyyuu heddummataa deemu. Ijoollee magaala halagaan bulan keessati dhalatan yk guddatan warri saani kan qaroman itt fakkaatee afaan halaga itt cabaluqu. Afaan halagaa waabari fi manaa alati isaan eega. Silaa carraa ijoolleen afaan ofii barachuu qabdu manati ture. Abbaawummaa hanqinaan akka ijoolleen afaan see hin baranne kan irra maqsan jiru. Hedduun saanii afan doomaa daa’imati qarachuu yaalu.

      Kanneen biraammoo jara afaanicha beekanis maalifaa hin beekamneef barreessuu fi dubbisuu hin dandeenye. Kan ofii beekanis, dhimma dhabummaan afaan ofii manuma ofii keessati gara afaan lammaffaati yoo bu’u callisanii isaan laalan jiru. Haala kana fuggisiisuuf ifaajee tolfamu hojiin kun gargaaruu dandaha. Rakkin akkasii mata mataan osoo hin tahin waliin irra haanuu yaaluu feesisa. Kanaaf gamtaan sabaawota fi hawaasaa ijaaramee barbaachisaa dha.

      Waabeekota ormoota afaan saanii afaan Oromoo waliin firooma qabu fufaa afaan ofii keessaa bade isa keessaa argachuu СКАЧАТЬ